Wongeela Luqaas 15
15
Fakkeenna Hoolaa Badee Argamee
(Mat 18:12-14)
1 #
Luq 5:29, 30. Qaraachota fi cubbamoonni marrinuu barsiisa isaa dhagayu'uuf wol ni gayanii, gara Yesusii dhufanii jiran turan. 2Fariisotaa fi barsiisonni seera garuu kana arganii, «Kun ammoo cubbamoota ufitti ni fudhata, isaan woliin'llee ni nyaata» jedha'aa, Yesusiin irratti ni guunguman. 3Kanaaf Yesus fakkeenna kana akkana jechu'uun isaanitti ni hime,
4«Isin keessaa hoolota dhibbaa naminni qabu, dhibba keessaa tokko jalaa yoo badee sagaltamii sagilanuu bosonatti dhiisee haga ka bade argatutti, soqu'uuf ka hin deeminne eenu? 5Yeroo argatetti'llee gammadee gurmmuu isaa titti baateeniiti, deebisee ni fidaan. 6Gara mana isaa yeroo gayetti'llee waahellan isaatii fi olloota isaa bakka tokkotti waamee, ‹hoolaa kiyya ka bade argadhee jiraatii, gammadee jiraa isin'llee ana woliin gammadaa!› isaaniin ni jedha. 7Gara Waaqaa titti deebi'uu ka isaan malu sababaa cubbamaa tokkootiin, sami'itti akkuma kana gammachuu ni ta'a, isiniin ni jedha.»
Meeta Birri'ii Ka Badee Argame
8Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Maalaqa birri'ii kudhanii dubarttiin qabddu, kudhan keessaa maalaqinni takka uduu jalaa badee ibissaa ibisitee, mana isi'ii harattee, maalaqa jalaa bade haga argatutti, ufi eegganna'aan hin barbaadduu ree? 9Yeroo argattetti'llee waahellan isi'iitii fi olloota isi'ii bakka tokkotti waamittee, ‹meeta birri'ii ka ana jalaa bade argadheenii, gammadee jira, isin'llee anaan woliin gammadaa!› isaaniin jetti. 10Gara Waaqaa titti ka deebi'u sababa cubbamaa tokkootiin, sami'itti maleyikkoota Waaqaa biratti akkuma kana gammachuu ni ta'a, isiniin jedha.»
Mucaa Badee Argame
11Itti aanissee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Naminni tokko ijoollee lamaa ni qaba ture, 12Maandhichi'llee abbaa isaatiin, ‹abbaa, qabeenna kee keessaa qoodii gayaa kiyya naaf kenni!› jedheen. Kanaaf abbaan'llee qabeenna isaa ijoollee lamaaniif addaan ni qoode. 13Guyyaa muraasaan duubatti maandhichi qabeenna isaa maraa wolitti qabee gara biyya fago'oo ni deeme, biyya sanitti'llee qabeenna isaa mara tasatti ni balleese. 14Qabeenna isaa maraa eega fixeen duubatti, biyya san beelli cimaan aseenuu isaatiin, rakkinna irra ni bu'e. 15Kanaaf namoota biyya sanii keessaa gara tokkoo ni dhiyaate, namichi'llee tissee booyyeewwanii ni taasiseen. 16Hansaraa booyyeewwan nyaatan irraa'llee nyaatee garaa guuttachu'uuf ni hawwa ture, garuu kanuma'llee ka isaa kennu hin jiru ture. 17Yeroo kanatti mucaan dogoggora isaa hubatee akkana jechu'uun ni yaade, ‹tajaajilttoonni mana abbaa kiyyaa titti mindeeffamanii hojjatan, buddeena haga quufantti nyaatanii ka isaan irraa hafu meeqa! Ani garuu asitti beelaan du'uu kiyya, 18ka'ee gara abbaa kiyyaa haa deemeeti, abbaa, Waaqaa fi si duranatti'llee balleessee jira, 19ammaa achitti ilma keeti jedhamuun anaan hin malu, garuu tajaajilttoota mindeeffamoota keetii keessaa, akka tokkoo ana taasisi, haa jedhuun› jedhe. 20Kanaaf ka'ee gara abbaa isaa ni dhaqe.»
Abbaan'llee, «Uduma fagoo jiru ilma isaa ni argeen, garaa laafeefii'llee gara isaa ni fiige, ammateenii'llee ni dhungateen. 21Ilmi'llee, ‹abbaa, Waaqaa fi si duranatti'llee balleesee jira, ammaa achitti ilma kee jedhamuun, naan hin malu› jedhe. 22Abbaan isaa garuu tajaajilttoota isaa waamee akkana jedhe, ‹dadafa'aatii uffata maraa caalu fida'aatiifiitii itti uffisaa! Quba isaa titti qubee, miila isaa titti'llee kophee godha'aafii! 23Mirgoo coome'llee fida'aatii qalaa! Haa nyaannuu, haa gammannuu! 24Ilmi kiyya kun du'ee ture, kunoo amma lubbu'uun ni jira, badee ture, argamee jira› » gamaduu'llee jala ni qaban.
25«Yeroo kanatti ilmi hangafaa huji'iif gara bakka qonnaa bayee ture, deebi'ee yoo dhufu gara manaa yeroo dhiyaatetti, qooniqqa meeshaa sirbaatii fi sirbaa'llee ni dhagaye. 26Tajaajilttoota keessaa tokko waamee, ‹maali'i wonitti?› jedhee ni gaafateen. 27Tajaajilaan'llee, ‹obboleessi kee deebi'ee waan dhufeef, abbaan kee nagayaan waan isa argateef, mirgoo coome qaleefii jira› jedheen.»
28«Obboleessi isaa ka hangafaa'llee haalaan dallanee, ‹gara manaa hin aseenu!› jedhe. Kanaaf abbaan gara alaa bayee gara manaa akka aseenuuf ni kadhateen. 29Ilmi garuu abbaa isaatiif akkana jechu'uun ni deebise, ‹kunoo! Ani woggaa haganaa si tajaajilee jira, ajaja kee jalaa'llee bayee asii fi achi jedhee hin beeku, eegaa ani waaheloota kiyyaan woliin waan ittiin gammadu, ilmmayyooma tokko'llee naa kennitee, hin beekittu! 30Ilmi kee kun garuu qabeenna kee dubarttoota sagaagalttootaan woliin baashessee yeroo deebi'etti, mirgoo coome ni qaltteef.› 31Abbaan'llee akkana ni jedheen, ‹yaa ilma kiyya, ati yeroo maraa ana woliin ni jirta, kiyya ka ta'e marrinuu keeti. 32Obboleessi kee kun garuu du'ee jira ture, amma lubbu'uun ni jira, badee ture, amma argamee jira, kanaaf haalaan gammadu'utu nurra mala.› »
Currently Selected:
Wongeela Luqaas 15: ArsiDNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in