Wongeela Yohaannis 18
18
Dabarffamee Kennamu'uu Fi Qabamuu Yesusii
(Mat 26:47-56; Mar 14:43-50; Luq 22:47-53)
1Yesus eega kana jedheen dubbatti barattoota isaa woliin, gara sulula #18:1 Sulula:- Qilee, yookiin dhooqaa fi bu'aa bayii Qedrooniitiin gamaa ni deeme, achii'llee gara bakka biqilttu'uu tokko barattoota isaa woliin ni aseene. 2Yesusii fi barattoonni isaa'llee yeroo mara bakka sanitti wol ni gayan waan turaniif, Yihudaan isa dabarssee kenne'llee bakka san ni beeka ture. 3Kanaaf Yihudaan miseensa lolttootaa tokko, akkuma kana itti gaafatamoota qeesotaatii fi Fariisota biraa worra ergaman, itti gaafatamoota wordiyyootaa qabatee gara bakka sanii ni dhufe, isaan'llee faanosaa fi xomborraa, meeshaa woraanaa'llee, qabatanii jiran ture. 4Yesus'llee waan isa irra gayu'uuf jiru maraa beekee gara isaanii gadi bayee, «Eennuun barbaadan?» isaaniin jedhe. 5Isaan'llee, «Yesusii Naazireetiiti barbaanna» jedhaniin. Inni'llee «Ana!» isaaniin jedhe. Yihudaan dabarssee isa kenne'llee isaan woliin dhaabatee jira ture. 6Yesus'llee, «Ana» yeroo isaaniin jedhetti gara duubaa titti siiqaniiti, arddii irratti ni kufan. 7Yesus'llee, «Eennuun barbaadan?» jechu'uun irra deebi'ee isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Yesusii Naazireetiiti barbaanna» jedhan. 8Inni'llee, «Ana isiniin jedhee jira, eegaa ka barbaadan ana eega ta'e isaan kanniin dhiisa'aanii haa deemanii» jedhe. 9Kun'llee ka ta'e «Yaa Abbaa, namoota naaf kennite keessaa tokkochuma'llee hin balleessine» dubbiin jedhee ture, akka raawwatamuuf.
10Simoon Phexiros'llee billaya qabatee waan tureef, luqqifateeti tajaajilaa itti gaafatamaa qeesotaa dhayee gurra isaa ka mirgaa ni mure, maqaan tajaajila'aa'llee Maalkos jedhama ture. 11#Mat 26:39; Mar 14:36; Luq 22:42.Yesus garuu Phexirosiin, «Billaya kee gara qola isaa titti deebisi! Duloo sarddamaa ka Waaqinni Abbaan naa kenne, waan hin dhuginneen sitti fakkaadha ree?» jedheen.
Gara Mana Itti Gaafatamaa Qeesotaa Fudhatamuu Yesusii
12Kanaan duubatti lolttootaa fi ajajaan isaanii, itti gaafatamoonni woriddiyyaa Yihudotaa'llee, Yesusiin qabanii ni hidhaniin. 13Jalqaba gara Haanna'aa ni fudhataniin, Haannaan'llee woggaa san keessa itti gaafatamaa qeesotaa ture Qayyaafa'aaf, soddaa isaa ni ture. 14#Yoh 11:49, 50.Qayyaafaan, «Naminni tokko waayee ummataatiif yoo du'ee misha'a» jechu'uun, namoota aangoo qaban ka worra Yihudotaa ka gorsse.
Yesusiin Waakkachuu Phexirosii
(Mat 26:69-70; Mar 14:66-68; Luq 22:55-57)
15Simoon Phexirosii fi barataan bira'aa Yesusiin ni horddofaniin, barataan bira'aa sun'llee itti gaafatamaa qeesotaa biratti nama beekkame ture, kanaaf Yesusiin woliin gara moonaa itti gaafatamaa qeesotaa ni aseene, 16Phexiros garuu gara alaatiin balbala biraan dhaabatee jira ture, barataan itti gaafatamaa Qeesotaa biratti beekkame sun'llee dhufeeti, shamaree balbala eegiddutti himee, Phexirosiin ni aseensise. 17Shamareen worddiyyaa'llee Phexirosiin, «Ati'llee barattoota nama kanaa keessaa tokkoo mitii ree?» jetteen.
Inni garuu, «Ani miti» jedhe.
18Yeroon qorra waan tureef tajaajilttootaa fi itti gaafatamoonni wordiyya'aa cilee irraa ibidda bobeessanii, dhaabatanii ni oo'ifatan ture, Phexiros'llee isaan woliin dhaabatee ni oo'ifata ture.
Itti Gaafatamaa Qeesotaa Irraa Yesusiif Gaafii Dhiyaate
(Mat 26:59-66; Mar 14:55-64; Luq 22:66-71)
19Yeroo sanitti itti gaafatamaa qeesotaa Yesusiin, waayee barattoota isaatii fi waayee barsiisa isaa'llee ni gaafateen. 20Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Ani nama marrattuu ifaan dubadhee jira, bakka Yihudonni marrinuu wol itti gayan ta'ee, mana waaqeffannaa isaanii titti, yeroo maraa ni barsiise, dhossa'atti wonitti dubbadhe tokko'llee hin jiru, 21egaa, waayee maali'iitiif ana gaafatta ree? Worra yoo ani isaanitti dubbadhu dhageeffatan gaafadhu, waan dubbadhe isaan ni beekan.»
22Yesus yeroo kana dubbatetti worra achi dhaabatanii turan itti gaafatamaan wordiyyootaa keessaa tokko, «Itti gaafatamaa qeesotaatiif deebiin deebifittu akkaanaa ree?» jechu'uun, Yesusiin dhabanaassa'aan ni dhayeen.
23Yesus'llee, «Dubbii hamaa dubbadhee yoo jiraadhe, hamaa dubbachuu kiyyaaf ragaa bayi, wonitti dubbadhe dhugaa yoo ta'e garuu, waayee maali'iitiif ana dhoofitta ree?» jedheen.
24Kanaan duubatti Haannaan, Yesusiin akkuma hidhameen, gara itti gaafatamaa qeesotaa gara Qayyaafa'aa ni ergeen.
Phexiros Irra deebi'ee Yesusiin Waakkachuu Isaa
(Mat 26:71-75; Mar 14:69-72; Luq 22:58-62)
25Yeroo sanitti Simoon Phexiros dhaabatee ibidda ni oo'ifata ture, namoonni kuunniin'llee, «Ati hoo barattoota Yesusii keessaa tokkoo mitii?» jedhaniin. Inni'llee, «Ani miti!» jedhee waakkate.
26Naminni Phexiros gurra mure fira isaa ka ta'e itti gaafatamoota qeesotaa keessaa tajaajilaan tokko, «Bakka biqilttu'uu titti isa woliin si argee hin turre moo?» jedheen.
27Phexiros'llee irra deebi'ee ni waakkate, bakkumatti lukkuun ni iyye.
Yesus Gara Philaaxosii Fudhatamuu Isaa
(Mat 27:1-2, 11-14; Mar 15:1-5; Luq 23:1-5)
28Kanaan duubatti Yesusiin mana Qayyaafa'aatii gara moonaa bulchaa biyyaa ni fudhataniin, yeroon'llee ganama obboroo ture, Yihudonni hoolaa Ayyaana Faasiika'aatiif qalamu nyaachuu waan qabaniif, akka hin battoofinneef ganama obboro'oon gara moonaa bulchaa biyyaa keessa hin aseenne. 29Kanaaf Philaaxos gara isaanii gad bayeeti, «Nama kana irratti himannaan isin dhiyeessitan maal'i?» jechu'uun, isaan ni gaafate.
30Isaan'llee, «Naminni kun hamaa raawwataa ta'uu uduu dhabaatee, si'iif dabarssinee hin kenninuun ture» jechu'uun, ni deebisaniif.
31Philaaxos'llee, «Isinummaan mataan keessan fudhadhaatii, akkaataa seera keessaniin itti murtteessaanii!» isaaniin jedhe. Yihudonni'llee, «Nu nama ajjeesu'uuf, nuuf hin eeyyamaminne» jedhaniin. 32#Yoh 3:14; 12:32.Kun'llee ka ta'e Yesus du'a attamiitiin akka du'u, dubbiin dubbatame akka raawwatamuuf.
33Philaaxos'llee deebi'ee gara moona'aa ni aseene, Yesusiin'llee waamee, «Ati nugusa worra Yihudotaatii?» jechu'uun, ni gaafateen.
34Yesus'llee, «Ati kana ka jettu, mataa kee irraayyi moo? Yookiin kuunniin waayee kiyyaa sitti himanii jiran?» jedheen.
35Philaaxos'llee, «Ani Yihudichaa ree? Si dabarssanii anaaf ka kennan worra keetii fi itti gaafatamoota qeesotaa titti, wonitti ati raawwatte maali'i?» jedheen.
36Yesus, «Mootummaan kiyya biyya lafaa kana irraayyii miti, Mootummaan kiyya biyya lafaa kana irraa uduu ta'ee jiraateetii ammoo, harka worra Yihudotaa ka aangoo qabanii titti akka hin kufnneef lolttoonni kiyya naaf ni lolan ture, Mootummaan kiyya garuu biyya lafaa kana irraayyii miti!» jechu'uun, ni deebise.
37Philaaxos'llee, «Eegaa, ati, nugusa kaa?» jedheen. Yesus'llee, «Ani nugusa akka ta'e ati dubbatee jirta, ani ka dhaladhee fi gara biyya lafaa'llee ka dhufe waayee dhuga'aa ragaa bayu'uuf, ka gara dhuga'aatii ta'e marrinuu dubbii kiyya ni dhagaya» jechu'uun, ni deebise. 38Philaaxos'llee, «Dhugaan maali'i?» jedhee ni gaafate. Kanaan duubatti Philaaxos deebi'ee gara Yihudotaa bayeeti akkana isaaniin ni jedhe, «Ani balleessaa woyiituu isa irratti hin argganne, 39Garuu akka aadaa qabddaniitiin yeroo maraa Ayyaana Faasika'aa titti, yeroo maraa hidhamaa tokko isiniif ni hiika ture, kanaaf nugusa worra Yihudotaa kana akka isinii hiikuuf ni barbaadanii ree?» isaaniin jedhe.
40Isaan garuu, «Barabbaaniin nuuf hiiki malee kanaa miti!» jedha'aa, ni iyyan. Barbbaan garuu shifttaa ture.
Currently Selected:
Wongeela Yohaannis 18: ArsiDNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in