“Aduu irratti, jiʼa irratti, urjiiwwan irrattis mallattoon ni taʼa. Lafa irrattis sababii huursaatii fi dhaʼaa galaanaatiif saboonni ni muddamu; waan taʼanis ni wallaalu. Namoonnis sababii humnoonni samii irraa raafamaniif, waan addunyaa kanatti dhufuuf jiru yaaddaʼanii sodaadhaan ni gaggabu. Isaanis yeroo sana utuu Ilmi Namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessaan dhufuu ni argu.