1
Yohannis 12:26
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.
Compare
Explore Yohannis 12:26
2
Yohannis 12:25
Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata.
Explore Yohannis 12:25
3
Yohannis 12:24
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; iji qamadii tokko yoo lafa buʼee duʼuu baate kophaa isaa hafa. Yoo duʼe garuu ija baayʼee naqata.
Explore Yohannis 12:24
4
Yohannis 12:46
Akka namni natti amanu hundinuu dukkana keessa hin jiraanneef ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.
Explore Yohannis 12:46
5
Yohannis 12:47
“Namni yoo dubbii koo dhagaʼee eeguu baate kan isatti muru ana miti; ani addunyaa fayyisuufin dhufe malee itti muruuf hin dhufneetii.
Explore Yohannis 12:47
6
Yohannis 12:3
Maariyaamis shittoo Naardoos qulqulluu gatiin isaa guddaa kan gara liitirii walakkaa taʼu fiddee miilla Yesuus dibde; rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxe. Manichis urgaa shittoo sanaatiin guutame.
Explore Yohannis 12:3
7
Yohannis 12:13
Isaanis damee meexxii harkatti qabatanii isa simachuu baʼan; iyyaniis akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Mootiin Israaʼel eebbifamaa dha!”
Explore Yohannis 12:13
8
Yohannis 12:23
Yesuus immoo akkana jedhee isaaniif deebise; “Saʼaatiin Ilmi Namaa itti ulfina argatu gaʼeera.
Explore Yohannis 12:23
Home
Bible
Plans
Videos