Innis akkana jedhee Yoosefin eebbise;
“Waaqni inni abbootiin koo Abrahaamii fi Yisihaaq
fuula isaa dura jiraatan,
Waaqni inni bara jireenya koo guutuu
hamma harʼaatti tiksee koo ture sun,
Ergamaan Waaqayyoo kan balaa hunda jalaa na baase sun
ilmaan kanneen haa eebbisu.
Isaan maqaa kootiin,
maqaa abbootii koo Abrahaamii fi
Yisihaaqiin haa waamaman;
isaan lafa irratti guddaa haa baayʼatan.”