1
Uumama 25:23
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
WAAQAYYO immoo akkana jedheen; “Saboota lamatu gadameessa kee keessa jira; uummanni lamaan ati deessus gargari baʼu; sabni tokko saba kaan irra ni jabaata; inni hangafni isa quxisuu tajaajila.”
Compare
Explore Uumama 25:23
2
Uumama 25:30
Innis Yaaqoobiin, “Ani akka malee beelaʼeeraatii, mee ittoo diimaa sana irraa xinnoo naa kenni!” jedhe. Sababiin inni Edoom jedhameefis kanuma.
Explore Uumama 25:30
3
Uumama 25:21
Yisihaaq sababii niitiin isaa dhabduu turteef WAAQAYYO isheef kadhate. WAAQAYYOS kadhannaa isaatiif deebii kennee niitiin isaa Ribqaani ulfoofte.
Explore Uumama 25:21
4
Uumama 25:32-33
Esaawus, “Kunoo, ani duʼuu gaʼeera; yoos mirgi hangafummaa maal na fayyada ree?” jedhe. Yaaqoob garuu, “Duraan dursii naa kakadhu” jedheen; akkasiin inni kakatee mirga hangafummaa isaa Yaaqoobitti gurgurate.
Explore Uumama 25:32-33
5
Uumama 25:26
Kana booddee obboleessi isaa koomee Esaawu harkaan qabatee gad baʼe; maqaan isaas Yaaqoob jedhame. Yeroo Ribqaan isaan deessetti, Yisihaaq nama waggaa jaatamaa ture.
Explore Uumama 25:26
6
Uumama 25:28
Yisihaaq waan foon bineensa bosonaa miʼeeffateef Esaawun jaallate; Ribqaan garuu Yaaqoobin jaallatte.
Explore Uumama 25:28
Home
Bible
Plans
Videos