<<Ani Qiiros mootiin Faares,<<Waaqayyo gooftaan bantiiwwan waaqaa, mootummoota biyya lafaa hundumaa anaaf kenneera; Yerusaalem ishee Yihudaa keessaatti mana isaaf akkan ijaaruufis na abboomeera*.
Amma saba isaa keessaa namni isin gidduu jiru Waaqayyoon isaa isaa wajjin waan jiruuf, Yerusaalem ishee Yihudaa keessaatti ol ba'ee, mana qulqullummaa Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'el, kan Waaqayyoo isa mandara Yerusaalem keessa jiru, deebisee haa ijaaru!