1
Yohannis 5:24
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
“Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.
Параўнаць
Даследуйце Yohannis 5:24
2
Yohannis 5:6
Yesuusis yommuu isaa achi ciisu argee akka inni yeroo dheeraa haala kana keessa ture beeketti, “Ati fayyuu barbaaddaa?” jedhee isa gaafate.
Даследуйце Yohannis 5:6
3
Yohannis 5:39-40
Isin Katabbiiwwan Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif Katabbiiwwan Qulqulluu sana qorattu. Katabbiiwwan Qulqulluun kunneenis waaʼee koo dhugaa baʼu; isin garuu jireenya argachuudhaaf gara koo dhufuu hin barbaaddan.
Даследуйце Yohannis 5:39-40
4
Yohannis 5:8-9
Kana irratti Yesuus, “Kaʼi! Siree kee fudhadhuutii deemi” jedheen. Namichis yeruma sana fayye; siree isaas fudhatee deeme. Guyyaan wanni kun taʼe sunis Sanbata ture
Даследуйце Yohannis 5:8-9
5
Yohannis 5:19
Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; Ilmi ofii isaatiin waan tokko illee hojjechuu hin dandaʼu; inni waanuma utuu Abbaan isaa hojjetuu arge qofa hojjechuu dandaʼa; waanuma Abbaan hojjetu Ilmis akkasuma hojjetaatii.
Даследуйце Yohannis 5:19
Стужка
Біблія
Планы чытання
Відэа