Wongeela Luqaas 19
19
Yesusii Fi Zakkiwoosiin
1Yesus gara magaalaa Iyaariko'oo aseenee karaa saniin dabrree, ni deema ture. 2Achitti'llee itti gaafatamaa worra qaraxa wolitti qabanii Zakkiwoos ka jedhamu, namicha dureessa'atu jira ture. 3Inni'llee Yesus kamiin akka ta'e argu'uuf ni barbaada ture, garuu dheernni hojjaa isaa gabaabaa waan ta'ee fi baay'inna ummataa irraa'llee kan ka'een, isa argu'uuf hin dandeenne. 4Yesus karaa saniin ni dabrra waan tureef Zakkiwoos'llee isa argu'uuf jedhee, ummataan duranatti durssee fiigeeti, muka harbbu'uu tokko irra ni baye. 5Yesus'llee gara bakka sanii yeroo gayetti ol jedhee laaleeti Zakkiwoosiin, «Yaa Zakkiwoos! Adha mana kee ooluun narraa malaatii, dadafiitii muka irraa bu'i!» jedheen. 6Zakkiwoos'llee dadaafee bu'eeti, gammachuun mana isaa titti Yesusiin ufii titti ni fudhateen. 7Namoonni kana argan marrinuu, «Naminni kun gara mana cubbama'aa afeeramu'uuf ni aseene!» jedhanii, Yesusiin irratti ni guunguman.
8Zakkiwoos garuu dhaabatee Gooftaa Yesusiin akkana ni jedheen, «Yaa Gooftaa! Kunoo, qabeenna qabu mara irraayyuu wolakkaa isaa hiyyeessotaaf ni kenna, sobu'uun qarshiin namoota irraa fudhadhe'llee yoo jiraate, dachaa afurii taasisee ni deebisa.»
9Yesus'llee akkana ni jedhe, «Naminni kun ammoo fiixaa Abrahaamiitii adha fayyinni mana kanaaf ta'ee jira, 10#Mat 18:11.Ilmi Namaa ka dhufeef ka bade barbaadu'uu fi fayyisu'uuf» jedhe.
Fakkeenna Tajaajilttoota Kurnnanii
(Mat 25:14-30)
11Uduma namoonni kana dhagayu'utti jiran Yesus fakkeenna tokko dabalee isaanitti ni hime, inni gara Yerusaalemii waan dhiyateef namoonni Mootummaan Waaqaa ammumaan tana waan muldhattu, isaanitti fakkaatee ture. 12Kanaaf Yesus akkana ni jedhe, «Aangoo nugusumma'aa fudhatee deebi'u'uuf gara biyya fago'oo ka deeme, nama aangoo qabu ol aanaan tokkotu jira ture, 13inni'llee deemuu isaatiin duranatti tajajilttoota keessaa kurnnan waamee tokko tokkoo isaaniitiif, saantibii worqqi'ii#19:13 Saantibii worqqi'ii:- Meeshaa ulfaatinni ittiin madaalamu, yookiin qarshi'itti yoo jijjiiramu hojjataa guyya'aan kafalamuuf tokkoo mindaa ji'a sadihii ka ta'u kudhan isaanii kenneeti, ‹deebi'ee haga dhufutti qarshii kanaan daldalaa!› isaaniin ni jedhe. 14Namoonni biyyaa garuu ni jibbaniin waan tureef, naminni kun nu'u irratti nugusa akka ta'uuf hin barbaannu jechu'uun, eega inni deemeen duubatti namoota ni ergan.»
15«Naminni sun nugusa ta'ee yeroo deebi'etti, qarshii isaanitti kennameen daldalanii hagam akka buufatan beeku'uuf, tajaajilttoota qarshii isaanitti kennee ture, ni waamisise.
16«Tajajilaan jalqabaa dhiyaatee, ‹yaa Gooftaa! Saantibiin worqqi'ii ka natti kennite kunoo, saantibii worqqi'ii kudhan buufadhee jira› jedheen.
17«Gooftaan isaa'llee, ‹ati tajaajilaa mishaa nana! Waan mishaa raawwattee jirta, waan diqqo'oon waan amanamiteef ani ammoo magaalota kudhanii irratti aangoo siif kennee jira› jedheen.
18«Tajaajilaan lammaffaa'llee dhiyaatee, ‹yaa Gooftaa! Saantibiin worqqi'ii ka natti kennite kunoo! Saantibii worqqi'ii shan buusee jira› ni jedheen.
19«Gooftaan isaa kanaan'llee, ‹ati'llee ammoo magaalota shanii irratti, si muudee jira› jedheen.»
20«Tajajilaan bira'aa'llee dhiyaatee akkana ni jedhe, ‹yaa Gooftaa! Qarshiin natti kennite kunoot, subbe'etti guduunffee kaayee ture. 21Kana'llee ka raawwadheef, ati waan hin kaayin ka fudhattu, waan hin facaasin'llee ka wolitti qabattu, nama hamaa ta'uu kee beekee waan si sodaadheef› jedheen.
22«Gooftaan isaa'llee, ‹ati tajajilaa badaa nana! Haasaya keetiin si'itti ni murtteessa, ani waan hin kaayin ka fudhadhuu fi waan hin facaasin'llee ka wolitti qabadhu, nama gara jabeessa ta'uu kiyya beekitee jirrta, 23eegasuu qabeenna kiyya bakka bu'aa itti naaf argamisiiu maali'iif naa hin oolichin ture? Deebi'ee yoo dhufutti bu'aa woliin ni fudhadha ture› jedheen.
24«Kanaan duubatti gooftichi isaa, achi dhaabatanii worra jiraniin, ‹saantibii worqqi'ii isaa irraa fuudha'atii tajaajilaa saantibii worqqi'ii kudhan ka qabuuf kennaa!› isaaniin jedhe.
25«Isaan'llee, ‹yaa Gooftaa! Inni bee saantibii worqqi'ii kudhan ni qaba!› jedhaniin.»
26 #
Mat 13:12; Mar 4:25; Luq 8:18. Gooftichi'llee, ka qabu maraaf caala'atti ni kennamaaf, nama hin qabnne garuu kanaan qabuu irraa ni fudhatama, isiniin jedha. 27#Mat 25:14-30.Isaan irratti akka nugusa ta'u worra hin barbaadin diinnota kiyya sanniin garuu, asi fida'aatii ana duranatti isaan ajjeesaa! isaaniin jedhe.
28Yesus fakkeenna kana eega dubbateen duubatti, adeemissa isaa gara Yerusaalemii itti fufu'uun, barattoota isaa dura dura ni deemaayyu ture.
Ulfinna Ol Aana'aan Gara Yerusaalemii Aseenuu Yesusii
(Mat 21:1-11; Mar 11:1-11; Yoh 12:12-19)
29Yesus gaara ejjeerssaa biratti gara ka arigamanii gara Beetfaage'eetii fi gara Bitaaniya'aa yeroo dhiyaatetti, barattoota isaa keessaa lamaan akkana jedhu'uun ni erge, 30«Gara ganda isiniin duranatti argamuu deemaa, achi'llee yeroo geettanitti eennu'llee ka hin yaabbatiin, ilmmoon harre'ee hidhamee ni arigattan, hiika'aatii garana naaf fidaa. 31Naminni kumi'llee ‹maali'iif hiikkitan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Gooftaa waan isa barbaachisuuniif› jedha'aatii, deebisa'aafii.»
32Worri ergaman'llee deemanii wonitti marrinuu akkuma Yesus isaaniin jedhe ta'ee, ni argataniin. 33Ilmmayyoo harre'ee'llee yeroo hiikanitti abbootiin isaa, «Waayee maali'iitiif hiikkitan?» isaaniin ni jedhan. 34Isaan'llee, «Goofta'aaf waan barbaachisuuf» ni jedhan. 35Ilmmayyoo'llee gara Yesusii ni fidan, uffata isaanii'llee dudda ilmmayyo'oo irratti raranii, Yesusii akka yaabbatu ni taasisan. 36Yesus'llee yeroo deemutti, namoonni uffata isaanii karaa irratti ni afaniif ture.
37Yesus gara magaalaa Yerusaalemii gayu'uuf yeroo dhiyaatee fi gaara ejjeerssaa gad bu'uu irra uduma jiru, yeroo sanitti namoonni yesusiin ni horddofan turan marrinuu, waayee baasota arganiitiif gammachu'uun guutamanii waan turaniif, qonqqa isaanii ol fudhatanii Waaqa galateeffachuu jala ni qaban.
38Akkana'llee ni jedhan turan, «Maqaa Goofta'aatiin nugufnni dhufu ka eebbifame! Nageenni sami'itti, ulfinni'llee Waaqaaf, ol gubba'atti haa ta'u!»
39Ummata jidduu ka turan Fariisonni tokko tokko garuu Yesusiin, «Yaa barsiisaa! Barattoota kee calidhisiis!» jedhaniin.
40Yesus'llee, «Uduu isaan'llee caldhisaniiyyuu, dhagaayyiin ni iyyan isiniin ni jedha» jechu'uun, isaanii ni deebise.
Yesus Magaalaa Yerusaalemiitiif Booyuu Isaa
41Yesus gara magaalaa Yerusaalemii titti dhiyaate magaalattii yeroo argetti, isi'iif ni booye. 42Akkana'llee ni jedhe, «Ati waan nagaya keetiif si barbaachisu maal adha beekkitee uduu jiraatteetii! Amma garuu wonitti kun ija kee jalaa dhokatee jira, 43diinonni kee naannaya kee titti kaloo kalaniitii fi marssanii, asii fi achiin'llee guyyaan si itti sarddamisiisan ni dhufa. 44Si'ii fi si keessa'llee worra jiran ijoollee kee'llee, lafa irratti kuffiseenii ni dhabamisiisan, uduu hin diigamin ka hafu dhagama tokko'llee bakkatti si hin dhiisan, kun'llee ka ta'u Waaqinni si itti fayyisu'uuf yeroo itti dhufu, beekuu dhabuu keetiin.»
Yesus Worra Mana Waaqeffanna'aa Titti Wol Gabayatan Baasuu Isaa
(Mat 21:12-17; Mar 11:15-19; Yoh 2:13-22)
45Yesus gara Mana Waaqeffanna'aa aseenee, achitti'llee namoota wol gabayatan, ari'uu jala ni qabe, 46akkana'llee isaaniin jedhe, « ‹Manni kiyya Mana Kadhanna'aa ni ta'a jedhamee barreeffamee jira, isin garuu goda saamittotaa ni taasfttan.› »
47 #
Luq 21:37. Yesus'llee guyyama guyya'aan Mana Waaqeffanna'aa titti ni barsiisa ture, itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, kuunniin'llee dursitoonni ummataa, isa ajjeesu'uuf ni barbaadan turan. 48Garuu namoonni marrinuu waan Yesus dubbatu dhagayu'uuf barbaadu'uun, onneen isaan booji'amee waan turaniif, namoonni isa ajjeesu'uuf barbaadanii, womaayyuu raawwachu'uuf hin dandeenne.
Currently Selected:
Wongeela Luqaas 19: ArsiDNT
ማድመቅ
Share
Copy
ያደመቋቸው ምንባቦች በሁሉም መሣሪያዎችዎ ላይ እንዲቀመጡ ይፈልጋሉ? ይመዝገቡ ወይም ይግቡ