የYouVersion አርማ
የፍለጋ አዶ

Wongeela Luqaas 16

16
Namicha sooru Ka Hin Amanamin
1Dabalee'llee Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Naminni dureessi tokko nama mana isaa isaaf bulchu namicha sooru tokko qaba ture, namoonni, ‹namicha sooru kun qabeenna kee ni balleessa› jedhanii, namicha dureessaa irratti ni himataniin. 2Namichi dureessichi'llee namicha sooru waamisisee, ‹wonitti si irratti dhagayu kun maal'i? Ammaa achitti namicha sooru kiyya ta'u'uuf hin dandeetuutii, qabeenna kiyya ka namicha sooru maatii kiyyaa taate ittiin hojjata'aa turtte, herreega qabeenna kiyyaa naaf dhiyeessi!› jedheen. 3Namichi sooru'llee onnee isaa titti akkana jechu'uun ni yaade, ‹amma eegaa gooftaan kiyya hujii kiyya ka soortuumma'aa irraa na geegessu'uuf, eegaa maal yoo raawwadhe naaf woyya? Qotu'uuf huminna hin qabu, hin danda'u, kadhachuun ammoo ana saalfachiisa, 4mee turi! waan raawwadhu ni beeka, hujii kiyya ka soortumma'aa irraa yeroo geegefamutti, waahellan mana isaanii titti ufitti ana fudhatan, akka qabaachuu danda'u ni taasisa› jedhe.
5«Kanaaf worra liqaa goofta'aa ufi irraa qaban maraa tokko tokkoon waamee, ka jalqabaatiin, ‹Gooftaa kiyyaaf ka kafalttu liqaa hagamiititu si irra jira?› jechu'uun, ni gaafateen.»
6«Inni'llee, ‹zayiitii waabaa dhibbaa tittu liqaan narra jira› jedhe, namichi sooru'llee, ‹woliigalteen mallateessite kunoot, dafii taa'iitii waabaa shantama jedhii barreessi!› jedheen.
7«Lamaffaa'llee waamee, ‹kee hoo liqaan hagam?› jedheen. Inni'llee, ‹qamadii kuntaala dhibbaa titti narra jira› jechu'uun ni deebise. Ka sooru'llee, ‹kunoot woliigalteen mallateessite! Kuntaala saddeetama jedhii barreessi!› jedheen.
8«Gooftaan isaa'llee namicha sooru amantii dhidhise qarummaa isaatiin ni maalalffateen, kun'llee namoota Waaqaa irra namoonni biyya lafaa jireenna isaanii ka biyya lafaatiin, qaruuteewwan ta'uu isaanii ni muldhisa.»
Qabeenna Akka Ta'utti Hujii Irra Oolichuun Akka Malu
9«Kanaaf qabeenna dharaa kanaan waaheloota baafadhaa isiniin jedha, kana yoo raawwattan qabeenni keessan isin jalaa dhumee harkaa duwwaa yoo hafittantti, waahellan keessan mana bara baraaf keessa jiraatantti, ufitti isin ni fudhatan.
10«Waan diqqo'oon naminni amaname waan gudda'aan'llee ka amaname ni ta'a, waan diqqo'oon naminni hin amanaminne garuu, waan gudda'aan'llee hin amanamu. 11Eegaa qabeenna biyya lafa kanaa bulchu'uun ka hin amanaminne yoo taataan, qabeenna dhuga'aa ammoo eenutu amanee isinitti kenna ree? 12Dabalee'llee qabeenna nama bira'aatiin ka hin amanaminne yoo taatan, qabeenna isiniif ta'u hoo, eennutu isinii kennaa?»
13 # Mat 6:24. «Naminni tokko yeroo tokkoon goofttota lamaaf tajaajiluu hin danda'u, kana eega ta'e, tokko jibbee kaan ni jaalata, tokko kabajee, kaan ni tufata, akkuma kana Waaqaa fi qabeennaa bitamu'uu hin dandeettan.»
14Fariisonni worra qarshii jaalatan waan turaniif, waan Yesus dubbate maraa dhagayanii, itti ni baldan. 15Inni garuu akkana isaaniin ni jedhe, «Isin namoota duranatti mataa keessan qulqullaayomaa ni fakkeesitan, Waaqinni garuu onnee keessan ni beeka, nama duranatti ulfinna qaba fakkaatee ka muldhatu, Waaqaa duranatti ka jibbame.»
Waayee Seeraatii Waayee Fuudhaa Fi Heerumaa
(Mat 11:12-13; 5:31-32; Mar 10:11-12)
16 # Mat 11:12, 13. Yesus haasaya isaa itti fufu'uun akkana ni jedhe, «Kitaabban seeraatii fi nabiyyootaa haga Yohaannisii cuupha'aa titti dubbatama'aa turanii jiran, achii asitti'llee ka dubbatama'aa jiru dubbii gammachuu Mootummaa Waaqaati, tokko tokkoon namaa'llee gara Mootummaa sanii titti aseenu'uuf tataaffii cimaa ni taasisa. 17#Mat 5:18.Haa ta'u malee, seera keessaa tuqaan takkaanuu baduu irra, sami'ii fi arddiin uduu dabrranii salphaa ni ta'a.»
18 # Mat 5:32; 1Qor 7:10, 11. «Haadha worraa isaa gad dhiisee ka dubarttii bira'aa fuudhu marrinuu ni sagaagala, akkuma kana ka dubarttii abbaa worraa isi'iitiin gad dhiifamitte ka fuudhu'llee, ni sagaagala.»
Namicha Dureessaa Fi Alaazaarii Hiyyeessa
19Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Uffata goga'aa diima'aa fi uffata haphii ka uffatu, nama dureessa tokkotu jira ture, inni'llee guyyama guyya'aan jireenna qanani'iin ni jiraata ture. 20Qaaminni isaa guutuun mada'aan ka fudhatame Alaazaar ka jedhamutu hiyyeessi tokkotu ammoo, balbala isaa ciisee jira ture, 21hiyyeessi kun'llee, hanbbaa qorii dureessichaa irraa harcaatu nyaachu'uuf ni hawwa ture, sariin'llee dhufanii madaa isaa ni arraaban turan.»
22«Kanaan duubatti'llee namichi hiyyeessaa ni du'e, maleeyikkoon'llee gara ammuu Abrahaamii ni fidaniin, akkuma kana namichi dureesschi'llee du'ee ni awwaalame. 23Siioolitti'llee makkaraara'aa uduma jiru, ol jedhee Abrahaamii fi ammuu isaa keessaa ka jiru, Alaazaariin fago'otti ni arge. 24Qoonqqa isaa'llee ol fudhatee akkana ni jedhe, ‹yaa abbaa Abrahaam! Yabo'oo garaa naa laafi! Arraba ibiddaa kana keessatti akka cimaa sarddama'aa jiraatii, qaccee quba isaa bishaaniin cuuphee, arraba kiyya akka naa qabbaneesuuf, Alaazaariin naa ergi!› »
25«Abrahaam garuu akkana jedheen, ‹yaa ilma kiyya, ati bara jireenna kee ka biyya lafaa titti waan mishaa baayi'ee argattee akka gammade yaadadhu, Alaazaar garuu rakkinna irra ture, kanaaf amma inni asitti yoo gammadu ati ni makkaraartta. 26Kana maraayyuu olitti nu'uu fi isin jidduu qilee gudda'atu jira, kanaaf nu biraa gara keessan, isin biraa gara keenna'llee, ce'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru.› 27Namichi dureesi'llee akkana jedhe, ‹yaa abbaa, eegasuu yabo'oo Alaazaariin gara mana abbaa kiyyaa titti akka ergadhuuf si ni kadhadha, 28achitti'llee obboleeyyan shanii waan qabuuf, isaan ammoo gara bakka makkaraarnnaa kana akka hin dhufinneef, dhaqee isaan ufi haa eeggachiisu› jedhe.»
29«Abrahaam garuu, ‹isaaniif Muse'eetii fi nabiyyootaa ni jiran, isaan haa dhagayan!› jedheen. 30Namichi dureesschi'llee ‹miti! Yaa Abrahaam abbaa, naminni tokko du'aa ka'ee yoo dhaqee fi uduu isaanitti himee garuu, gaabbanii gara Waaqaa titti ni deebi'an› jedhe.»
31Abrahaam'llee, waan Muse'eetii fi nabiyyootaa jedhan ka hin dhageenne yoo ta'an, naminni tokko du'aa ka'ee uduu isaanitti dubatee'llee, hin amananiin jedheen.

Currently Selected:

Wongeela Luqaas 16: ArsiDNT

ማድመቅ

Share

Copy

None

ያደመቋቸው ምንባቦች በሁሉም መሣሪያዎችዎ ላይ እንዲቀመጡ ይፈልጋሉ? ይመዝገቡ ወይም ይግቡ