1
Wongeela Maatewos 8:26
Waadaa Haarawa
Inni'llee, «Isin yaa worra amantiin isinitti dhidhate nana! maali'iitiif sodaattan?» isaaniin jedhe. Saniin duubatti'llee Yesus ka'ee bubbe'ee fi garba ciisa'atti ni baanate, cadhisiinssi ol aanaan'llee ni ta'e.
አወዳድር
{{ጥቅስ}} ያስሱ
2
Wongeela Maatewos 8:8
Ajajaan dhibbaa garuu akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa Gooftaa! Ati gara mana kiyyaa akka aseentu'uuf ani nama malee miti, garuu dubbii tokko qofa dubbadhu, tajaajilaan kiyya'llee ni fayya.
3
Wongeela Maatewos 8:10
Yesus'llee kana yeroo dhagayetti ni maalalffate, isa horddofan namoota turaniin'llee akkana ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, amantii hagana gayu guddaa ka qabu, nama tokko'llee Israa'eelumaan keessattuu hin arganne.
4
Wongeela Maatewos 8:13
Kanaan duubatti, Yesus ajajaa dhibbaatiin, «Deemi akka amantii keetii siif haa ta'u!» jedheen. Tajaajilaan isaa'llee saa'aatima sanitti ni fayye.
5
Wongeela Maatewos 8:27
Namoonni'llee maalalffatanii, «Kun ka bubbe'ee fi ka garb ciisaan'llee ajajamaniif, nama attamiit?» jedhan.
Home
Bible
Plans
Videos